chefebuluk@gmail.com

+251576660203/1204

Yuuniyeenii Caffee Bulluq

SEENAA FI HAALA HUNDEEFFAMAA:
Yuuniyeeniin Caffee Bulluq Godina Horroo Gud.Wallaggaa Aanaa Horroo keessatti Ji’a Bitootessa 02, bara1996A.L.Itti rakkoo hawwaasummaa fi diinagdee miseensi isaanii qaban furuuf waldaalee fedha fi rakkoo wal fakkaataa qaban furachuuf waliin walitti dhufuunin hundaa’e:- 
waldaalee Aanaalee 4 (afur) :

  • Amuru (walda 1),Baay’ina Qooda 1 
  • J/Jaartee (waldaa 2), Baay’ina Qooda 2 
  • Horroo (waldaa 9)Baay’ina Qooda 14 fi 
  • Ji/Gannatii (waldaa 3) Baay’ina Qooda 16
    W/Gala waldaalee bu’uuraa 15 Walii Galaa Qooda 33 qabatee qooda 165,000 Baay’inaa Miseensa Dhiira: 13,634 fi Dhala: 1,383W/g:15,017

    DAANGAA FI NAANNOO HOJII YUUNIYEENIICHAA


    Kaabaan Laga Abbayyaa,fi Aanaa Kiramuu Kibbaan Aanaa Gudayyaa Biilaa ,Baakkoo Tibbee fi Aanaa Jimmaa Raaree Bahaan Aanaa Abbaay Commanii fi Aanaa Jimmaa Raaree Dhihaan Aanaa Abee Dongoroo fi Giddaa Ayyanaa kan daangeeffamu ta`ee Godinnii, Magaalaa fi Aanaaleen inni keessatti hojjatu dambii keessaa isaa keessatti maqaadhan adda bahanii kan caqafaman ni ta`a
  • Ka’unsa kaappitaala duraa (initial capital) qarshii 165,000.00 fi amma irra gaheeru Kaappitaala yeroo Amma 33,684,735.29
  • Baay’ina miseensa ittiin jalqabee (number of members) Baay’inaa Miseensa Dhiira: 13,634 fi Dhala: 1,383W/g:15,017 fi Baay’inaa miseensa yeroo amma irra jiru

  • MUL'ATA(Vision)

    Tajaajila hawaas-diinagdee cimaa fi itti fufiinsa qabu yuuniyeenicha keessatti diriirsun Bara 2020 tti Miseensonni isaa fi hawaasni naannoo irraa fayyadama ta`anii arguu.

    ERGAMA(Mission)

    Hojimaata qajeello, iftoomina qabu fi miseensota hirmaachisuu danda`u diriirsun kaayyoo gurmaa`eef raawwachuu fi rakkinalee hawaas-diinagdee hiikun ofitti amanamuummaa dagaagsuun akkasumas amala ofiin of bulchuu fi of gargaaruu gabbisuun fayyadamummaa miseensa fi hawaasaa mirkanaa`e uumudha.

    Kaayyoo(Goal)

     Kaayyolee armaani qadii qabatee Hojjechaa jira:-
    1. Omishaa fi omishtummaa miseensotaa dabaluuf callaa guddistuu gatii madaalawaan dhiheessu, Omisha miseensotaa walitti qabuun,faayidaa itti dabaluun gatii fooyya`aatti gurguruun galii isaanii guddisuun jireenya miseensotaa fooyyessuuf.
    2. Humna raawwachiisummaa misoonsota isaa cimsuun gahoomsuu.
    3. Akkaataa ogummaa miseensonni ittiin omishanii fi rakkinaalee teeknikaa isaan qaban leenjii fi deeggarsa ogummaa kennuun akka hiikatan dandeessisuu
    4. Tajaajilawwan miseensonni dhuunfan argatanii fayyadamuu hin dandeenye gamtaan gatii fi haala salphaa ta`ee akka argatan dandeessisuu.

    SONAALEE (VALUES) YUUNIYEENICHAA

    ★ Ofiin- of gargaaruu.
    ★Itti gaafatamummaa dhunfaa ba’uu
    ★ Aadaa Diimokiraasii dagaagsuu.
    ★ Walqixxummaa
    ★ Haqummaa fi Obbolummaa
    ★Amanamummaa
    ★Iftoomina
    ★Itti gaafatamummaa hawaasaa qabaachuu
    ★ Itti gaafatamummaa
    ★Hirmaachisumma

    Yuuniyeenii Qonnaan Bultoota Caffee Bulluq

    Yuuniyeenichi Asxaa waldaa hojii gamtaa Addunyaa fudhatama argateen marfamee Giingoo Gama Tokkoon Asheeta Qamadii,Gama Biroon Asheeta Boqolloo ta’ee mataa isaa irratti Odaa,Qixalamaan irratti Tiraaktaara lafa Qotu kan Agarsisiisu fi Harka Namootni harka wal-qabatan kan agarsiisu faajii /asxaa kan mataa isaa ni qabaata

    Miseensi kamiyyuu dirqama irraa eegamu guute yoo argame Yuuniyeenichaan sartifikkeettii qooda miseensummaa mirkaneessu ni argata. Sartifikkeettin kennamus mallattoo dura ta’aa fi hoji gaggeessan , akkasumas chaappaa yuuniyeenichaatin chaappeffamu qaba.

    Yuuniyeenichi hojii isaa keessatti kasaaraan kan isa muudatu yoo ta’e, herraga of eeggannon kasaara kana uwwisuun kan hin dandaanye yoo ta’e miseensi tokko tokkon isaanii qooda qaban illaalcha keessa galchuun kisaaricha qoodachuuf dirqama ni qabaatu.

    Koreen hojii raawwachiiftuu Dambii-Bulmaataa kana irratti bu’uureeffachuun osoo dambii kanaan walitti hin bu’iin tartiiba hojiiwwan adda addaa hojii irra oolchuuf gargaaru dambi Keessaa qopheessee yaa’ii waliigalaa yuuniyeenichaan mirkaneessisuun qaama aangon waldaalee galmeessuf kennameefitti dhiheessun galmeessisuun hojii irra oolchuu ni danda’a..

    Waldaaleen bu’ura miseensa ta’uu barbaadan, miseensummaan yoo hayyamameef, galmeedhaaf qarshii 1,000.00 (Qar.kuma Tokko) al tokkotti kaffaluu qaba.

    Miseensummaaf waldaan hojii gamtaa bu`uuraa tokko yoo xinnaatee qooda tokko bitachuu qaba. Kaffaltiin qooda tokkoos al tokkoon kan raawwatu ni ta`a.

    CHAFE BULUK FARMERS COOPERATIBE UNION



    kaayyoo Waldaa Hojii Gamtaa

    1. Rakkoo miseensonni dhunfaadhaan hojjetanii hikkachuu hin dandeenye gamtaan hiikkachuuf.
    2. Miseensoonnii beekumsa qaban, qabeenyaa fi humna isaani walitti qindeessuudhaan bu’aa fooyya’aa argachuuf.
    3. Ofitti amanamummaa gabbisuuf.
    4. Rakkoolee hawaasummaa fi dinagdee wal- tumsuun ittisuu, dandamachuu fi dhabamsiisuuf.
    5. Baasii oomishaa fi tajaajila argachuuf barbaachisuu xiqqeessuuf, miseensoonni callaa guddistuu fi tajaajila barbaadan gatii madaalawaadhaan akka argatan, oomishni yookiin tajaajilli isaanii gatii fooyya’aan akka gurguratan dandeesisuuf.
    6. Tajaajillii qusannoo fi liqii akka gabbatuu fi babal’atu gochuu fi kkf

    Yuuniyeeniin Caffee Bulluq
    Obbo...........................
    Hojii Gaggessaa Walii Galaa

    Ergaa Hoji Gaggeessaa


    ------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------


    ................
    .................
    ..................
    ...................
    ...................
    ...................
    Hojii Gurguddoo Yuuniyeenichi Hojjetu

    1.Dhiyeessii C/Guddistuu adda adda akkataa karoora qonnaan waldaa miseensa ta’anii fi mit-miseensaaf dhiyeessuu
    2. Dhiyeessii Meshaalee Qonnaa ammayyaa fi kan biroo dhiyeessuu
    3.Sanyii Filatamaa Lafa qonnaan bulaa irratti baay’isuun oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluu
    4.Oomisha Qonnaan bulaa walitti qabuun gatii fooyya’aan gurguruu.
    5.Dhiyeessii Meeshaa Bu’uuraa bu’aa warshaalee dhiyeessuun gatii madaallawaan akka argatan tasissuu.
    .

    Our Galleries


    chafebuluk

    chafebuluk

    chafebuluk

    chafebuluk

    chafebuluk

    chafebuluk

    Qooda, Miseensa fi Kaapitalaa Ibsuu Aanaatii

    WALIIN HOJJECHUUN WALIIN JIJJIIRAMUUF!!!

    Our Address

    Naannoo Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Magaalaa Shaambuu Ganda 01

    chefebuluk@gmail.com

    +251576660203/1204

    +251576660953

    Website: www.chafebulukfarmerscooperativeunion.et

    Follow Us

    © 2025 chafebulukfarmerscooperativeunion. All rights reserved.