Yuuniyeenichi Asxaa waldaa hojii gamtaa Addunyaa fudhatama argateen marfamee Giingoo Gama Tokkoon Asheeta Qamadii,Gama Biroon Asheeta Boqolloo ta’ee mataa isaa irratti Odaa,Qixalamaan irratti Tiraaktaara lafa Qotu kan Agarsisiisu fi Harka Namootni harka wal-qabatan kan agarsiisu faajii /asxaa kan mataa isaa ni qabaata
Miseensi kamiyyuu dirqama irraa eegamu guute yoo argame Yuuniyeenichaan sartifikkeettii qooda miseensummaa mirkaneessu ni argata. Sartifikkeettin kennamus mallattoo dura ta’aa fi hoji gaggeessan , akkasumas chaappaa yuuniyeenichaatin chaappeffamu qaba.
Yuuniyeenichi hojii isaa keessatti kasaaraan kan isa muudatu yoo ta’e, herraga of eeggannon kasaara kana uwwisuun kan hin dandaanye yoo ta’e miseensi tokko tokkon isaanii qooda qaban illaalcha keessa galchuun kisaaricha qoodachuuf dirqama ni qabaatu.
Koreen hojii raawwachiiftuu Dambii-Bulmaataa kana irratti bu’uureeffachuun osoo dambii kanaan walitti hin bu’iin tartiiba hojiiwwan adda addaa hojii irra oolchuuf gargaaru dambi Keessaa qopheessee yaa’ii waliigalaa yuuniyeenichaan mirkaneessisuun qaama aangon waldaalee galmeessuf kennameefitti dhiheessun galmeessisuun hojii irra oolchuu ni danda’a..
Waldaaleen bu’ura miseensa ta’uu barbaadan, miseensummaan yoo hayyamameef, galmeedhaaf qarshii 1,000.00 (Qar.kuma Tokko) al tokkotti kaffaluu qaba.
Miseensummaaf waldaan hojii gamtaa bu`uuraa tokko yoo xinnaatee qooda tokko bitachuu qaba. Kaffaltiin qooda tokkoos al tokkoon kan raawwatu ni ta`a.
1.Dhiyeessii C/Guddistuu adda adda akkataa karoora qonnaan waldaa miseensa ta’anii fi mit-miseensaaf dhiyeessuu 2. Dhiyeessii Meshaalee Qonnaa ammayyaa fi kan biroo dhiyeessuu 3.Sanyii Filatamaa Lafa qonnaan bulaa irratti baay’isuun oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluu 4.Oomisha Qonnaan bulaa walitti qabuun gatii fooyya’aan gurguruu. 5.Dhiyeessii Meeshaa Bu’uuraa bu’aa warshaalee dhiyeessuun gatii madaallawaan akka argatan tasissuu. .
Naannoo Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Magaalaa Shaambuu Ganda 01
chefebuluk@gmail.com
+251576660203/1204
+251576660953
Website: www.chafebulukfarmerscooperativeunion.et
© 2025 chafebulukfarmerscooperativeunion. All rights reserved.