chefebuluk@gmail.com

+251576660203/1204

About Us

Home About

Yuuniyeenii Caffee Bulluq

SEENAA FI HAALA HUNDEEFFAMAA:
Yuuniyeeniin Caffee Bulluq Godina Horroo Gud.Wallaggaa Aanaa Horroo keessatti Ji’a Bitootessa 02, bara1996A.L.Itti rakkoo hawwaasummaa fi diinagdee miseensi isaanii qaban furuuf waldaalee fedha fi rakkoo wal fakkaataa qaban furachuuf waliin walitti dhufuunin hundaa’e:- 
waldaalee Aanaalee 4 (afur) :

  • Amuru (walda 1),Baay’ina Qooda 1 
  • J/Jaartee (waldaa 2), Baay’ina Qooda 2 
  • Horroo (waldaa 9)Baay’ina Qooda 14 fi 
  • Ji/Gannatii (waldaa 3) Baay’ina Qooda 16
    W/Gala waldaalee bu’uuraa 15 Walii Galaa Qooda 33 qabatee qooda 165,000 Baay’inaa Miseensa Dhiira: 13,634 fi Dhala: 1,383W/g:15,017

    DAANGAA FI NAANNOO HOJII YUUNIYEENIICHAA


    Kaabaan Laga Abbayyaa,fi Aanaa Kiramuu Kibbaan Aanaa Gudayyaa Biilaa ,Baakkoo Tibbee fi Aanaa Jimmaa Raaree Bahaan Aanaa Abbaay Commanii fi Aanaa Jimmaa Raaree Dhihaan Aanaa Abee Dongoroo fi Giddaa Ayyanaa kan daangeeffamu ta`ee Godinnii, Magaalaa fi Aanaaleen inni keessatti hojjatu dambii keessaa isaa keessatti maqaadhan adda bahanii kan caqafaman ni ta`a
  • Ka’unsa kaappitaala duraa (initial capital) qarshii 165,000.00 fi amma irra gaheeru Kaappitaala yeroo Amma 33,684,735.29
  • Baay’ina miseensa ittiin jalqabee (number of members) Baay’inaa Miseensa Dhiira: 13,634 fi Dhala: 1,383W/g:15,017 fi Baay’inaa miseensa yeroo amma irra jiru

  • MUL'ATA(Vision)

    Tajaajila hawaas-diinagdee cimaa fi itti fufiinsa qabu yuuniyeenicha keessatti diriirsun Bara 2020 tti Miseensonni isaa fi hawaasni naannoo irraa fayyadama ta`anii arguu.

    ERGAMA(Mission)

    Hojimaata qajeello, iftoomina qabu fi miseensota hirmaachisuu danda`u diriirsun kaayyoo gurmaa`eef raawwachuu fi rakkinalee hawaas-diinagdee hiikun ofitti amanamuummaa dagaagsuun akkasumas amala ofiin of bulchuu fi of gargaaruu gabbisuun fayyadamummaa miseensa fi hawaasaa mirkanaa`e uumudha.

    Kaayyoo(Goal)

     Kaayyolee armaani qadii qabatee Hojjechaa jira:-
    1. Omishaa fi omishtummaa miseensotaa dabaluuf callaa guddistuu gatii madaalawaan dhiheessu, Omisha miseensotaa walitti qabuun,faayidaa itti dabaluun gatii fooyya`aatti gurguruun galii isaanii guddisuun jireenya miseensotaa fooyyessuuf.
    2. Humna raawwachiisummaa misoonsota isaa cimsuun gahoomsuu.
    3. Akkaataa ogummaa miseensonni ittiin omishanii fi rakkinaalee teeknikaa isaan qaban leenjii fi deeggarsa ogummaa kennuun akka hiikatan dandeessisuu
    4. Tajaajilawwan miseensonni dhuunfan argatanii fayyadamuu hin dandeenye gamtaan gatii fi haala salphaa ta`ee akka argatan dandeessisuu.

    SONAALEE (VALUES) YUUNIYEENICHAA

    ★ Ofiin- of gargaaruu.
    ★Itti gaafatamummaa dhunfaa ba’uu
    ★ Aadaa Diimokiraasii dagaagsuu.
    ★ Walqixxummaa
    ★ Haqummaa fi Obbolummaa
    ★Amanamummaa
    ★Iftoomina
    ★Itti gaafatamummaa hawaasaa qabaachuu
    ★ Itti gaafatamummaa
    ★Hirmaachisumma

    Our Galleries


    chafebuluk

    chafebuluk

    chafebuluk

    chafebuluk

    chafebuluk

    chafebuluk

    WALIIN HOJJECHUUN WALIIN JIJJIIRAMUUF!!!

    Our Address

    Naannoo Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Magaalaa Shaambuu Ganda 01

    chefebuluk@gmail.com

    +251576660203/1204

    +251576660953

    Website: www.chafebulukfarmerscooperativeunion.et

    Follow Us

    © 2025 chafebulukfarmerscooperativeunion. All rights reserved.